Sababa Imaammataa
Namoonni fakkiiwwan agarsiisaa fi jeequmsaa ilaalchisee miira adda addaa akka qaban ni hubanna. Fayyadamtoota qabiyyee akkasii irraa eeguuf, qabiyyee baay'ee giraafikii ta'e haqna, akkasumas namoonni osoo hin cuqaasin dura miira namaa kakaasuu akka danda'u akka beekan gosoota qabiyyee biroo irratti asxaa akeekkachiisaa daballa. Dandeettii fayyadamtoonni dargaggootaa qabiyyee isaaniif mijachuu ykn umurii isaaniif hin malle arguu danda’an daangessina. Kana gochuudhaan, muuxannoo fayyadamaa mijaawaa ta’e kennuudhaaf kaayyeffanna, fayyadamtoonni keenya yaada isaanii akka ibsaniif bakka kennuu itti fufna.
Fayyadamtoonni gochoota akka dhiittaa mirga namoomaa ykn waldhabdee hidhannoo irratti ifa baasuuf ykn balaaleffachuuf jecha qabiyyee qooddachuu akka danda’an ni hubanna. Imaammattoonni keenya qabiyyeen haala kana keessatti yoom akka qoodamu ilaaluun haala kanaan marii fi hubannoo uumuuf bakka kan kennudha.
Beeksisa kaffaltii qabuuf eegumsa dabalataa ni kennina. Fakkeenyaaf, qabiyyeen akka miira namaa kakaasutti ilaalame beeksisa keessatti hojjechuuf ulaagaa hin guutu. Akkasumas beeksisni suuraa fi viidiyoo nama rifachiisu, suukaneessaa ykn haala biraatiin miira namaa kakaasu akka hin daballee dhorkina. Odeeffannoo dabalataaf, maaloo Istaandardii Beeksisaa keenya ilaalaa.
Hin dirbaasiinaa:
Suuraa namootaa
Suursagalee namoota, lubbuun jiraniis ta’e du’an, haala yaalaa hin taane keessatti, kan agarsiisan:
Ciccituu.
Kutaa keessa namaa mul’atu, kan akka qaamolee saaxilaman, lafee ykn tishuu maashaa namoota lubbuun jiran ykn du’an irraa agarsiisan.
Namoota gubatan ykn labalabaman; ykn
Kokkee-baqaqsuu.
Tamsaasa kallattii adabbii du’aa
Yaadota Gaddisiisoo
Yaadota gaddisiisoon yaada – kan akka barruulee barreeffamaa ykn yaada – gidiraa ykn salphina namootaa ykn bineensotaa irraa kan ka’e gammachuu ibsudha.
Ni haqna
Yaada gaddisiisaa fakkiiwwan (suursagalee fi fakkiiwwan dhaabbataa) kanneen akkas ta’ee imaammata kana jalatti iskiriinii akeekkachiisaa argatan irratti kenname, qabiyyeen isaa icciita’aa ta’uu danda’u namoota gorsu; fakkiin sun gocha ofirraa ittisuu kan agarsiisu yoo ta’e malee (fkn, suursagalee nama saamicha hidhannoo irraa of ittisu) yookiin haala yaalaa keessa yoo ta’e (fkn, fakkii ogeeyyii fayyaa baqaqsanii hodhuu raawwatan).
Yaada ifatti gaddisiisaa gara gidiraa bineensota fakkii keessatti agarsiifaman, fi fakkii bineensota lubbuun jiran irraa gara du’aatti ce’an agarsiisu.
Fakkiiwwan imaammata kana jalatti haqaman ykn iskiriinii akeekkachiisaa argatan dhiyeessuu ykn gaafachuu, yeroo yaada gaddisiisaa waliin ta’u.
Qabiyyee itti aanuuf, argii akeekkachiisa itti daballa kanaafu namootni akka qabiyyeen sun miira jeequu danda’u hubatu. Dandeetti qabiyyee ilaaluu ga’eessota waggoota 18 fi isaa oliif akkasuma ni daangessina:
Suuraa namootaa
Suursagalee namoota, lubbuun jiraniis ta’e du’an, haala yaalaa keessatti, kan agarsiisan:
Ciccituu.
Kutaa keessa namaa mul’atu, kan akka qaamolee saaxilaman, lafee ykn tishuu maashaa namoota lubbuun jiran ykn du’an irraa agarsiisan.
Namoota gubatan ykn labalabaman, haala reeffa gubuu keessatti dabalatee; ykn
Kokkee-baqaqsuu.
Fakkiiwwan namoota lubbuun jiraniis ta’e du’anii, kanneen agarsiisan:
Ciccituu.
Kutaa keessa namaa mul’atu, kan akka qaamolee saaxilaman, lafee ykn tishuu maashaa namoota lubbuun jiran ykn du’an irraa agarsiisan.
Namoota gubatan ykn labalabaman; ykn
Kokkee-baqaqsuu.
Fakkiiwwan (suursagalee fi fakkii lachuu) du’a sukkaneessaa nama tokkoo (yeroo du’a isaanii ykn sana boodaa dabalatee) ykn nama taatee lubbuu isaa balaadhaaf saaxilu (kan akka konkolaataan rukutamuu, olka’iinsa guddaa irraa kufuu, ykn miidhaa qaamaa biroo lubbuu namaa galaafachuu danda’u) keessa jiru agarsiisan.
Fakkii adabbii du’aa namaa agarsiisan (tamsaasa kallattii osoo hin dabalatiin).
Fakkiiwwan gocha gara jabinaa (fkn, gocha jeequmsaa ykn doorsisa ajjeechaa namoota humnaan to’ataman irratti) nama ykn garee namootaa irratti raawwataman agarsiisan.
Fakkiiwwan wantoota alagaa yaalaa hin taane (fkn, haaduu, mismaara, ykn wantoota sibiilaa biroo) gogaa nama uran agarsiisan.
Fakkiiwwan ilkaan nama tokkoo cabe, dhiigu, ilkaan bakka dhiigni jirutti baafame agarsiisu; ykn wantoota alagaa ilkaan ykn irga keessa galchuu.
Fakkii fiitasii fi daa’imaa gadameessaan alatti kan du’anii jiran agarsiisan, namni biraan fakkicha keessa yoo jiraate malee.
Fakkii bineeldotaa
Fakkii bineensotaa kamiyyuu, kan lubbuun jiran ykn du’eeru, – kan agarsiisu qaama ciccituu, keessaa mul’atu, gubachuu ykn labalabamuu, ykn lubbuun affeelamuu.
Fakkii bineeldota du’aa jiran.
Fakkii namoonni bineensota lubbuu qaban irratti gocha gara jabummaa raawwachuu (fkn. dhiituu, bishaan nyaachisuu, ykn rifeensa buqqisuu).
Qabiyyee armaan gadii kanaaf, dandeettii ilaaluu fayyadamtoota umuriin isaanii waggaa 18 fi isaa ol ta'eef daangeessina:
Suuraa namootaa
Fakkiiwwan namoota du’an gartokkoon ykn guutummaatti haguuggii hin qabne agarsiisan, yoo agarsiiftuu du’a sukkaneessaa mul’atu yoo hin jiraannellee.
Fakkii fiitasii fi daa’imaa gadameessaan alatti kan du’anii jiran agarsiisan, yeroo namni biraan fakkicha keessa jiraate.
Fakkiiwwan talaallii, akuu-paankichara ykn lilmoo duwwaa waraanuu, tumaa, ykn haala uruutiin alatti osoo lilmoon gogaa namaa waraanuu agarsiisan.
Fakkiiwwan namoota miidhaman haala yaalaa keessatti yeroo dhukkubbii ykn dhiphina keessa jiran, kan madaa’an, ykn fuula isaanii fi/ykn harka isaanii keessatti tuubii yaalaa qabatanii mul’atan agarsiisu.
Fakkiiwwan bobbaa namaa fi dhangala’oo qaamaa agarsiisan (fkn, udaan, fincaan, balaqqama, guurii gurraa, furrii, quncee gogaa namaa, ykn dhiiga).
Fakkiiwwan konkolaattota gubatan ykn dhoo’an agarsiisan, ykn yeroo ykn booda konkolaattonni saffisaan deeman meeshaalee biroo waliin dhiibbaa geessisan kan agarsiisan bakka konkolaataan sun daandii isaa irraa maqeefi / ykn kutaan konkolaachisaa ykn imaltoota konkolaataa akka malee miidhame.
Fakkii bineeldotaa
Fakkiiwwan bineensota jiraatan ykn du’an, bakka dhiigni mul’atu jirutti agarsiisan.
Fakkiiwwan bineensota haala dhaluu keessatti agarsiisan (fkn, dhiigni ykn qaamni keessoo mul’atu jira).
Fakkii bineeldota, lubbuun jiranis ta’e du’an, bakka ilbiisonni isaan keessaa osoo bahanii mul’atan (fkn, jiisaa ykn raammoo).
Fakkiiwwan bineensota miidhamanii rakkatan agarsiisu.
Fakkiiwwan Asoosamaa
Fakkiiwwan namoota asoosamaa haalawwan armaan gadii keessatti agarsiisan:
Ciccituu;
Keessa mul’atu, kan akka qaamolee saaxilaman, lafee ykn tishuu maashaa;
Namoota gubatan ykn labalabaman;
Morma kutuu; ykn
Du’a sukkaneessaa ykn taateewwan lubbuu namaa balaadhaaf saaxilan.
Fakkiiwwan namoota asoosamaa kan footooriyaalistikii ta’e agarsiisan (bakka fakkiin sun suuraa ykn suursagalee nama dhugaa fakkaatu ykn itti dhiyeenyaan fakkaatu), haalawwan armaan gadii keessatti:
Meeshaalee alaa wal’aansaaf hin oolle (fkn, haaduu, mismaara, ykn meeshaalee sibiilaa biroo) gogaa uraa jiran;
Bobbaa namaa ykn dhangala’aa qaamaa (fkn, udaan, fincaan, balaqqama, guurii gurraa, furrii, ykn quncee gogaa qaamaa), dhiiga osoo hin dabalatin;
Daa’immaan du’an ykn fiitasii gadameessaan ala jiru;
Fakkiiwwan bineensota asoosamaa, garuu suuraa dhugaa ta’an haalawwan armaan gadii keessatti agarsiisan:
Ciccituu;
Keessa mul’atu, kan akka qaamolee saaxilaman, lafee ykn tishuu maashaa;
Bineeldota gubatan ykn labalabaman;
Bineeldota osoo lubbuun jiranii affeelamaa jiran;
Dhiigni jira;
Bineeldota jireenya irraa gara du’aatti deeman;
Namoonni bineensota lubbuu qaban irratti gocha gara jabinaa (fkn, dhiituu, bishaan nyaachisuu, ykn rifeensa buqqisuu) raawwachuu;
Bineeldota miidhamanii rakkachaa jiran
Bineeldota ilbiisonni osoo isaan keessaa bahanii (fkn., jiisaa ykn raammoo).
Duudhaalee Hawaasaa ittaananiif, raawwachiisuuf, odeeffannoo fi/ykn halqara dabalataa barbaanna:
Nuti hin hayyamnu:
Suuraan ykn sagaleen du’a sukkaneessaa nama tokkoo yeroo du’a nama sanaa galmee seera kabachiisuu, ragaa du’aa, gabaasa Hiriyaa Amaanaa, ykn gabaasa miidiyaatiin mirkanaa’ee fi miseensi maatii nama du’ee akka buqqa’u gaafatu.
Suursagalee nama labalabamee ykn gubachaa jiruu haala of gubuu keessatti akka gocha mormiitti.
Kan tarii hayyamuu dandeenyu:
Fakkii du’a sukkaneessaa nama tokkoo ykn taatee lubbuu namaa balaa irra buusu yeroo fakkiin sun akka tasaa ta’e