Haleellaa fi Kakaasuu

Ibsawwan bal'aa Imaammataa

DILBA JIJJIIRI
Sababa Imaammataa
Jeequmsa sarara ala ta’uu danda’u kan qabiyyee waltajjiiwwan keenya irratti argamuun walqabatee ta’uu danda’u ittisuuf kaayyeffanna. Namoonni yeroo baay’ee tuffii ykn waliigaltee dhabuu isaanii karaa cimaa hin taanee fi yeroo tasaa jeequmsaaf doorsisuu ykn waamuun akka ibsan yoo hubannu, afaan jeequmsa kakaasu ykn haala mijeessuu fi doorsisa amanamaa nageenya hawaasaa ykn dhuunfaa irratti dhufu ni balleessina. Kunis haasawa jeequmsaa nama tokko ykn garee namootaa irratti xiyyeeffate bu’uura amala (amaloota) eegumsa argatan ykn haala immigireeshinii isaanii kan dabalatudha. Yeroo balaa dhugaamessi miidhaa qaamaa yookiin doorsisa kallattii nageenya uummataa irratti jira jennee amannu qabiyyee ni haqna, eenyummeessa ni kuffisna, akkasumas seera kabachiisaa waliin ni hojjenna. Ibsoota tasaa ykn hubannaa uumuu qabiyyee doorsisa amanama nageenya uummataa yookiin dhuunfaa irratti hammatu irraa adda baasuuf qooqa fi halqara tilmaama keessa galchuuf ni yaalla. Doorsisni amanamaa akka ta’e baruuf, odeeffannoo dabalataa kan akka mul’anno namicha uummata biratti fi balaa naqeenya qaama isaanii irrattii akkasuma tilmaama keessa galchuu dandeenya.
Yeroo tokko tokko, doorsisa jeequmsaa hawwii ykn haal-duree, jeequmsi akka raawwatamu abdii ibsuu dabalatee, shororkeessitootaa fi qooda fudhattoota jeequmsaa biroo irratti kan xiyyeeffate (fkn, “Shororkeessitoonni ajjeefamuun isaaniif mala,” “Shororkeessitoota akka ajjeesan abdiin qaba”) ni argina. Warra ragaa addaa amanamaa hin taane, hin jirre faallaa kanaa jennee fudhanna.
Ni Haqna:
Dorsiisa haleellaa waan adda addaa irratti aggaamamu ni haqna. Dorsiisni haleellaa ibsa ykn mul’ata akeeka, hawwii ykn waamicha jeequmsaa bakka bu’u yoo ta’u, doorsisni ibsa gosa adda addaa kan akka ibsa akeeka, waamicha tarkaanfii, deeggarsa, ibsa hawwii fi ibsa haaldureetiin ibsamuu danda’a.
Dorsiisni yeroo hubannoo uumuu ykn balaaleffachuu keessatti qooddamu, yeroo doorsisni cimaan hin taane haala ispoortii qaamaan waltuquu keessatti raawwatamu, ykn doorsisni murtaa’aan qooda fudhattoota jeequmsaa, akka gareewwan shororkeessummaa irratti raawwatamu hin dhorku.
Eegumsa waliigalaa nama hundaaf
Namni kamiyyuu doorsisa armaan gadii irraa eegama:
  • Dorsiisa jeequmsaa du’aaf nama saaxilu (ykn gosoota jeequmsa cimaa biroo)
  • Dorsiisa jeequmsaa miidhaa cimaa geessisuu danda’u (hokkara cimina giddu galeessaa). Balaa akkasii namoota ummataa fi gareewwan amala eegumsa argatan irratti hin hundoofne irratti yeroo amanamoo ta’etti ni balleessina, akkasumas target biroo kamiyyuu (gareewwan amala eegumsa argatan irratti hundaa’an dabalatee) irratti amanamummaa osoo hin ilaalin ni balleessina
  • Jeequmsa cimina olaanaa ykn cimina giddu galeessaa (bifa barreeffamaan ykn afaaniin, ykn nama yakka raawwate ykn hiriyyaan mul’atuun) raawwachuuf akeekuu, haala furuu, ofirraa ittisuu, ispoortii qunnamtii (cimina giddu galeessaa ykn isaa gadi) keessatti yeroo qooddatamu malee, ykn qaamolee seera kabachiisuu, waraanaa ykn tika mootummaatiin yeroo raawwatamu
  • Dorsiisa ykn fakkii ukkaamsuu ykn butamuu, qabiyyeen sun miidhamaa ykn maatii isaaniitiin akka iyyannoo gargaarsaatti qoodamuu isaa, ykn odeeffannoo, balaaleffannaa ykn hubannoo uumuuf qoodamuu isaa yoo ifa ta’e malee
Eegumsa dabalataa Ga’eessota Dhuunfaa, Daa’imman Hundaa, namoota balaa guddaa qabaniifi namoota ykn gareewwan amala eegumsa argatan irratti hundaa’uun:
Eegumsa waliigalaa nama hundaaf taasifamuun alatti, ga’eessonni dhuunfaa hundi (yeroo ofumaan gabaasan), daa’immanii fi namoonni ykn gareewwan namootaa bu’uura amala (amaloota eegumsa argataniin) irratti xiyyeeffataman, balaa jeequmsa hamma xiqqaa irraa eegamu.
Jeequmsa Biroo
Eegumsa armaan olitti tarreeffaman hunda malees, kanneen armaan gadii ni haqna:
  • Qabiyyee tajaajiloota haleellaa sadarkaan hamaa ta’e (fakkeenyaaf, namoota ajjeesan, kan qarshiin nama ajjeessan, lubbuu baastota, qaama saalaa dubartootaa muruu) kennuuf gaafatu, dhiyeessu, ykn waadaa seenu ykn fayyadama tajaajiloota kanaa dhaadhessu.
  • Qajeelfama akkaataa meeshaa waraanaa itti hojjetamuu ykn itti fayyadamuu bakka afaan ifatti galma namoota akka malee miidhuu ykn ajjeesuu ibsu jirutti, ykn fakkiiwwan bu’aa dhumaa agarsiisu ykn fakkeessan, qabiyyeen isaa kaayyoo jeequmsa hin qabne kan akka ofirraa ittisuu barnootaa (fakkeenyaaf, leenjii lolaa, aartii waraanaa) fi leenjii waraanaa yoo ta’e malee
  • Qajeelfama akkaataa fanjii itti hojjetan ykn itti fayyadaman, qabiyyeen isaa kaayyoo jeequmsa hin qabneef yoo ta’e malee kan akka itti fayyadama bashannanaa (fakkeenyaaf, richiitii fi tapha suursagalee daldalaa, qurxummii qabuu)
  • Meeshaa waraanaa geessuu ykn meeshaa waraanaa bakka tokkotti fiduuf ykn humnaan bakka, ykn bakkeewwan yeroodhaaf mallattoon balaa jeequmsaa guddaa ta’e itti mul’atu tokkotti seenuuf doorsisa (bakka waaqeffannaa, bakka barnootaa, iddoo filannoo ykn bakka sagalee lakkaa’uuf ykn filannoo bulchuuf itti fayyadaman dabalatee garuu kanneen kanaan hin daangeffamne).
  • Dorsiisa jeequmsaa sagalee kennuu, galmee filattotaa, ykn bulchiinsa ykn bu’aa filannoo waliin walqabatee, yoo xiyyeeffatamaan hin jiraannellee.
  • Jeequmsa saalaa irratti hundaa’e kan jeequmsa hiriyaa gaa’elaa walitti dhiyeenyaa yookaan jeequmsa kabaja irratti hundaa’e ulfina kennuu
Duudhaalee Hawaasaa ittaananiif, raawwachiisuuf, odeeffannoo fi/ykn halqara dabalataa barbaanna:
Ni Haqna:
  • Dorsiisa qondaaltota seera kabachiisan ykn qondaaltota filannoo irratti, sadarkaa nama ummataa ykn amanamummaa balaa sanaa osoo hin ilaalin.
  • Ibsoota koodii qaban kan malli jeequmsaa ifatti hin ibsamne, garuu doorsisni haguugame ykn dhokataa ta’e, akkuma makaa mallattoo balaa fi mallattoo haalaa tarree armaan gadii irraa mul’atu.
    • Doorsisa: ibsa koodii qabu kan kanneen armaan gadii keessaa tokko ta’e:
      • Haala haaloo bahuu keessatti kan qooddatamu (fkn, komii ykn doorsisa dhugaa, hubatamuu ykn tilmaamamuu danda’uuf deebii kennuudhaan jeequmsa namoota biroo irratti bobba’uuf fedhii qabaachuu ibsuu)
      • Wabiiwwan taateewwan jeequmsaa seenaa ykn asoosamaa (fkn, qabiyyee taateewwan jeequmsaa seenaa beekamoo seenaa keessatti ykn bakka asoosamaa keessatti raawwataman eeruun namoota biroo sodaachisu)
      • Akka waamicha tarkaanfii sodaachisaa ta’ee hojjeta (fkn, qabiyyee namoota biroo gocha jeequmsaa akka raawwatan ykn gocha jeequmsaa raawwachuu keessatti akka hirmaatan afeeruu ykn jajjabeessuu)
      • Beekumsa yookaan odeeffannoo miiraa kanneen biroo haleellaaf saaxilan qooduu (fkn., qabiyyee kanneen biroon akka miidhaa haala caaluun akka geessisaniif odeeffannoo namoomaa irratti hubannaa yookaam yaadachiisa kennan). Kunis kan of keessatti haammatu beekumsa teessoo nama dhuunfaa, iddoo hojii isaanii, adeemsa hojii guyyuu yookaan teessoo ammaa dabalatee agarsiisu)
    • Halqara
      • Haalli naannoo ykn ogummaan ibsi gaaffii keessa jiru jeequmsa dhiyootti fiduu akka danda’u mirkaneessa.
      • Xiyyeeffannaan qabiyyee ykn bakka bu’aan hayyama qabu qabiyyee sana nuuf gabaasa.
      • Kan xiyyeeffatame daa’ima.
  • Doorsisa dhokataa meeshaa waraanaa gara bakkeewwan waaqeffannaa, bakka barnootaa, bakka filannoo ykn bakka sagalee lakkaa’uuf ykn filannoo bulchuuf itti fayyadaman (ykn namoonni biroo akkasuma akka godhan jajjabeessuun) ykn bakka mallattoon yeroof a balaa jeequmsaa olka’aa ta’etti fi kanneen birootti fiduuf godhamu.
  • Himannaan ykn tilmaamni waa’ee malaammaltummaa filannoo wajjin walqabatee, sirna dhabdummaa, ykn loogii yeroo mallattoo qabiyyeen jeequmsa sodaachisaa ta’e waliin walitti makamu (fkn, meeshaa waraanaa fudhachuu ykn fiduuf doorsisa, fakkii meeshaa waraanaa ijaan mul’atu, wabii ibidda qabsiisuu, hanna, manca’iinsa), dabalatee:
    • Nama(oota) dhuunfaa irratti aggaamuu
    • Bakka murtaa'e (isteetii ykn xiqqaa) irratti xiyyeeffachuu
    • Bakka xiyyeeffatamaan ifatti hin ibsamnetti
  • Wabiiwwan walga’ii ykn taateewwan filannoo wajjin walqabatan yeroo mallattoo qabiyyeen jeequmsa sodaachisaa ta’ee wajjin walitti makaman (fkn, meeshaa waraanaa fudhachuu ykn fiduuf doorsisa, fakkiiwwan meeshaa waraanaa ijaan mul’atan, wabiiwwan ibidda qabsiisuu, hanna, manca’iinsa).
  • Ulaagaaleen armaan gadii yeroo guutaman ofii ykn nama biraa ittisuuf jeequmsa cimaa ykn giddu galeessaa doorsisa.
    • Nama tokko irratti (namoota maqaa ykn fuula isaaniitiin adda baafaman, namoota amala eegumsa isaanii irratti hundaa’uun xiyyeeffannoo argatan, fi daa’imman osoo hin dabalatin)
    • Haala mana seenuu ykn jeequmsa namoota gidduutti raawwatamu kan jeequmsa deebii kennamee fi balaa battalaa ta’e waliin walmadaalu keessatti
    • Dhiibbaan sagalee irratti dhufuu danda’u balaa jeequmsa dhiyoo dhufu caala
Muuxannoowwan fayyadamaa
Fakkeenyota tokko tokko ilaali raawwachiisni namootaaf Facebook irratti maal akka fakkaatu, kanneen akka: waan Facebook irratti ta’uu qaba jettee hin yaadne gabaasuu, Duudhaalee Hawaasaa keenya akka cabsite sitti himamuu fi iskiriinii akeekkachiisaa qabiyyee murtaa’e irratti arguu.
Hubadhaa: Nut yeroo mara fooyya'aa jirra, kanaafuu waanti asitti agartu waan fayyadamu waliin yeroo madaalamu xiqqo kan yeroon irra darbe ta'uu danda'a.
MUUXANNOO FAYYADAMAA
Gabaasuu
MUUXANNOO FAYYADAMAA
Quunnamtii gabaasaan boodaa
MUUXANNOO FAYYADAMAA
Muuxannoo buusaa
MUUXANNOO FAYYADAMAA
Iskiriinii akeekkachiisaa
Daataa
Gabaasa Raawwatinsa Duudhaalee Hawaasaa kan si’anaa ilaali
Raawwachiisa
Namoota Facebook irraa hundumaaf, akka addunyaatti imaammatoota walfakkaatoo qabna.
Gareewwan keeddeebii
Gareen hundataa keenyi kan keeddeebitoota 15,000 ol qabu nageenya namoota Facebook irraa eeguuf guyyaa hunda hojjeta.
Hirmaannaa qooda fudhattootaa
Ogeessotni alaa, hayyootni, Dhaabbileen Miti Mootummaa fi imaammata baastuun Sadarkaalee Hawaasaa Facebook beeksisuuf gargaaru.
Jeequmsaa fi kakaasuu irratti gargaarsa argadhu
Facebook irratti waanta faallaa Duudhaalee Hawaasaa keenya deemu tokko yoo agarte maal gochuu akka dandeessu bari.
Giddugala Gargaarsaa keenya daawwadhaa