Of Ajjeesuu, Of Miidhuu, fi Rakkoo Nyaachuu

Ibsawwan bal'aa Imaammataa

DILBA JIJJIIRI
Sababa Imaammataa
Waa’ee nageenya namoota fayyadama keenya fayyadamaniif of-eeggannoo guddaa taasifna. Imaammataa fi raawwii keenya beeksisuu fi dhaabbiilee adduunyaa irra jiran mara waliin ta’uudhaan namoota rakkoo keessa jiran akka gargaaraniif lubbuu ofii balleessuu, of- miidhuu fi rakkoo soorataa irratti ogeessota yeroo hunda ni mariisifna.
Namootni itti yaadanii yookiin osoo hin beekiin lubbuu ofii balleessuu, of-miidhuu, fi rakkoo soorataatti akka gammadan yookiin jajjabeessan hin eeyyamnu, tajaajilootni keenya iddoo namootni muuxannoo isaanii itti waliif qoodan, dhimmicha irratti hubannoo uumanii fi wal-gargaaran akka ta’u waan barbaadnuuf, namootni mata-duree kan irratti akka mari’atan ni eeyyamna. Akkasumas dandeettii qabiyyee kana ilaaluu ga’eessota umuriin isaanii waggaa 18 fi isaa ol ta’e qofa irratti daangeessuu dandeenya.
Qabiyyee of ajjeesuu, of miidhuu, ykn rakkoo nyaataa jajjabeessu kamiyyuu, qabiyyee asoosamaa kan akka meme ykn ifoomsa dabalatee, fi qabiyyee of miidhuu kamiyyuu kan giraafikii ta’e, haala dubbii osoo hin ilaalin, ni haqna. Qabiyyee qajeelfama amala ulfaatina qaamaa garmalee hir'isuu of keessaa qabu ni haqna. Akkasumas qabiyyee miidhamtoota ykn namoota of ajjeesuu, of miidhuu ykn jeequmsa nyaataa irraa hafanitti qoosu, akkasumas yeroo qabatamaa keessatti of ajjeesuu ykn of miidhuu agarsiisu ni balleessina. Qabiyyee waa’ee lubbuu ofii balleessuu, of-miidhuu, ykn rakkoo soorataa irraa fayyuu eeyyamameera, garuu suuraalee nama jeeqan ( kanneen akka madaa fayyee), iskiriinii miiraa duuba kaa’amu akkasumas dandeettii qabiyyee ilaaluu ga’eessota umuriin isaanii waggaa 18 fi isaa ol ta’e qofa irratti ni daangeessina.
Namootni qabiyyee lubbuu ofii balleessuutiin, of-miidhuu, ykn rakkoo soorataan wal-qabatan yeroo dirbaasan yookiin barbaadan, gara dhaabbaata dhihoo gargaarsa kennuu danda’aniitti qajeelchina. Akkasumas, gareen Oppireeshinii Hawaasaa keenyi waa’ee miidhaa muddamaa yoo yaadda’e, gargaarsa akka argataniif tajaajila hatattamaa naannoo jiru dubbisna. Odeeffannoo bal’aaf, Giddugala Nageenyaa Meta daawwadhu.
Qabiyyee kallattiin wal-qabatee, tamsaasa kallattii irratti namni tokko yaalii of-ajjeesuu kan yaade yeroo ta’e, sababa namni tokko kaameeraa irratti haasa’aa tureen carraa hiriyaa yookiin miseensi maatii tajaajila balaa tasaatti bilbiluu waan jiruuf, hanga dandaa’ametti qabiyyicha dhiisuu akka qabnu ogeessotni nutti himaniiru. Haa ta’u malee, qabiyyee kana ilaaluun balaa namoonni biroo dhiibbaa hamaa irra ga’uu danda’an xiqqeessuuf, bakka balaan sun gara yaaliitti jijjiiramutti tamsaasa kallattii ni dhaabna. Akkuma armaan olittii ibsame, namni tokko haala kamiinuu yeroodhuma sana of-miidhuuf ta’uu yoo adda baafanne, tajaajila yeroo balaa ni dubbisna.
Nuti hin hayyamnu:
  • Qabiyyee of ajjeesuu, of miidhuu, ykn rakkoo nyaataa beeksisu, jajjabeessu, qindessuu, yookiin qajeelchota dhiyeessuu.
  • Qabiyyee of ajjeesuu, of miidhuu ykn fakkiiwwan jeequmsa nyaataa agarsiisan
  • Qabiyyee nama yaalii of-ajjeessuu ykn of-ajjeechaan du’uu keessatti hirmaate agarsiisan
  • Fakkii namoota yeroo jechoota rakkoo nyaataa wajjin walqabatan waliin qoodaman
  • Qabiyyee agarsiisa cinaachaa, lafee mormaa, luqqeettuu, garaacha golboo, dugugguruu achi bahaa, biraakawaa, lafee irree ykn miilla keessatti mul’atan ykn lafee maddii hommoqaa irratti xiyyeeffate yeroo jechoota suutta’uu nyaachuun hidhata qaban waliin qoodame
  • Qabiyyee qajeelfama amala ulfaatina qaamaa garmalee hir'isuu of keessaa qabu
  • Qabiyyee amala ulfaatina qaamaa garmalee hir’isuu yeroo jechoota rakkoo nyaataa wajjin walqabatan waliin qooddatamu amanu
  • Qabiyyee jechoota jeequmsa nyaataa wajjin walqabatan waliin yeroo qoodamu qajeelfama nyaata daangeffame of keessaa qabu
  • Qabiyyee miidhamaa yookiin irraa hafaa of-ajjeechaa, of-miidhaa yookiin suutta’uu nyaachuu arrabsu warra yookiin of ajjeesuu, of miidhuu ykn rakkoo nyaataa akka mudate kan ibsame qabaachuu dhoksaan ibsan
  • Fakkiiwwan fooyya’iinsa qaamaa agarsiisan (fkn, tumaa qaamaa, urannaa, madeessuu, of-dhabuu fi kkf) yeroo haala of ajjeesuu ykn of miidhuu keessatti qooddaman
Qabiyyee itti aanuuf, argii akeekkachiisa itti daballa kanaafu namootni akka qabiyyeen sun miira jeequu danda’u hubatu. Dandeetti qabiyyee ilaaluu ga’eessota waggoota 18 fi isaa oliif akkasuma ni daangessina:
  • Suuraawwan yookiin suur-sagaleewwan nama beekaa of-ajjeesu/of-ajjeechaa qindaa’ina meedikaalaan gargaarame agarsiisan.
  • Qabiyyee ragaa of-miidhaa turaa kan akka muraa fayye yookiin fakkiilee giraafikii hintaane kan of-miidhaa biroo halqara of-miidhaa, of-ajjeechaa ykn fooyya’insa keessattii agarsiisu.
  • Qabiyyee lafee cinaachaa, lafee qoochoo, qaawwa gudeedaa, mudhii, garaa xuuxamaa, lafee dugdaa ba’e, iskaapullaa, lafee harka ykn miila ykn maddii holqa qabu keessatti mul’atu haala fayyina keessatti agarsiisu
Qabiyyee armaan gadii kanaaf, qabeenya namootaaf kennina, dandeettii qabiyyee ilaaluu ga’eessota umuriin isaanii waggaa 18 fi isaa ol ta’aniif daangeessina:
  • Of ajjeesuu, of miidhuu ykn rakkoo nyaataa barreeffamaan ykn afaaniin amanuu.
  • Ibsa ykn wabiiwwan ifa hin taane, of ajjeesuu ta’uu danda’an (memewwan ykn fakkiiwwan istookii waa’ee miira gaddisiisaa, dhiphina sammuu, du’a akka miliquutti dhiyeessuu, ykn qabiyyee aadaa beekamaa irraa yaada dukkanaa’aa, dhiphina sammuu irratti xiyyeeffannoo kennuu dabalatee) haala of ajjeesuu ykn of miidhuu keessatti.
Qabiyyee armaan gadii kanaaf, dandeettii qabiyyee ilaaluu ga’eessota, umuriin isaanii waggaa 18 fi isaa ol ta’eef daangessina:
  • Yaad-rimee of ajjeesuu, of miidhuu ykn rakkoo nyaataa irratti qoosuu ykn tuffachuu
  • Seenaawwan ibsa of ajjeesuu of keessaa qaban bal’inaan gochicha ykn bu’aa booda moggaasa ykn kaasuun qofa bira darbee
  • Amala ulfaatina qaamaa garmalee hir'isuu amanuu
Duudhaalee Hawaasaa ittaananiif, raawwachiisuuf, odeeffannoo fi/ykn halqara dabalataa barbaanna:
  • Yeroo dhugoomsa of-ajjeechaa yookiin yaalii of-ajjeechaa qabnutti yaadannoo of-ajjeechaa haquu dandeenya. Yaadannoo of ajjeesuu adda baasuuf yaalla, wantoota hedduu fayyadamuun, kanneen keessaa:
    • Gaaffilee maatii ykn bakka bu’aa seeraa,
    • Gabaasota miidiyaa, kabachiistota seeraa, ykn maddeen qaama sadaffaa biroo irraa (fkn., ejensii mootummaa, Miti-mootummaa), ykn Unka Quunnamtii Qabiyyee Of ajjeechaa ykn Unka Quunnamtii Instagram.
    • Qabiyyeen addaa isaan waltajjiiwwan Meta irratti maxxansan namoota biroof balaa fiduu danda’uu fi dhiisuu isaa madaaluuf mallattoolee waltajjii ala of ajjeesuu, of miidhuu, jeequmsa nyaataa ykn amala ulfaatina qaamaa garmalee hir’isuu fayyadamaa irraa fudhachuu ykn beeksisuu tilmaama keessa galchuu dandeenya.
Muuxannoowwan fayyadamaa
Fakkeenyota tokko tokko ilaali raawwachiisni namootaaf Facebook irratti maal akka fakkaatu, kanneen akka: waan Facebook irratti ta’uu qaba jettee hin yaadne gabaasuu, Duudhaalee Hawaasaa keenya akka cabsite sitti himamuu fi iskiriinii akeekkachiisaa qabiyyee murtaa’e irratti arguu.
Hubadhaa: Nut yeroo mara fooyya'aa jirra, kanaafuu waanti asitti agartu waan fayyadamu waliin yeroo madaalamu xiqqo kan yeroon irra darbe ta'uu danda'a.
MUUXANNOO FAYYADAMAA
Gabaasuu
MUUXANNOO FAYYADAMAA
Quunnamtii gabaasaan boodaa
MUUXANNOO FAYYADAMAA
Muuxannoo buusaa
MUUXANNOO FAYYADAMAA
Iskiriinii akeekkachiisaa
Daataa
Gabaasa Raawwatinsa Duudhaalee Hawaasaa kan si’anaa ilaali
Raawwachiisa
Namoota Facebook irraa hundumaaf, akka addunyaatti imaammatoota walfakkaatoo qabna.
Gareewwan keeddeebii
Gareen hundataa keenyi kan keeddeebitoota 15,000 ol qabu nageenya namoota Facebook irraa eeguuf guyyaa hunda hojjeta.
Hirmaannaa qooda fudhattootaa
Ogeessotni alaa, hayyootni, Dhaabbileen Miti Mootummaa fi imaammata baastuun Sadarkaalee Hawaasaa Facebook beeksisuuf gargaaru.
Of ajjeesuu, of miidhuu, fi rakkoo nyaachuu irratti gargaarsa argadhu
Facebook irratti waanta faallaa Duudhaalee Hawaasaa keenya deemu tokko yoo agarte maal gochuu akka dandeessu bari.
Giddugala Gargaarsaa keenya daawwadhaa