Nageenya Saayiberii

Ibsawwan bal'aa Imaammataa

DILBA JIJJIIRI
Sababa Imaammataa
Nageenyi fayyadamtoota keenyaa eegumsa odeeffannoo dhuunfaa, eenyummeessaa, ibsituuwwan isaanii fi qaama Meta biraa isaan to’atan, akkasumas oomishaalee fi bal’inaan tajaajiloota keenya, akka dabalatu ni hubanna. Odeeffannoo dhuunfaa icciita’aa funaanuuf carraaquun yookiin goyyomsaan yookiin mala weerara gahiinsa seermalee keessatti hirmaachuun, qilleensa dhugaa qabeessaa, banaa, fi nagaa nuti guddisuu barbaannuuf miidhaa qaba.
Nuti hin hayyamnu:
Karaa hin hayyamamneen akkaawontii balaadhaaf saaxiluu ykn argachuuf yaaluu, kanneen akka:
  • Akkaawuntii, piroofaayilii, ykn qaamolee biroo Meta kan ofiitiin ala ta’an karaa gowwoomsaa ykn hayyama ifa ta’e abbaa akkaawontii, piroofaayilii, ykn dhaabbataa irraa malee argachuu.
  • Tooftaalee armaan gadii dabalatee, kaayyoo hayyama malee argachuuf odeeffannoo seensaa fayyadamaa biraa, odeeffannoo dhuunfaa, ykn odeeffannoo fayyadamaa icciita’aa biroo argachuu, harakatti galfachuu ykn gaafachuu:
    • Phishing (Fiishiingii), kan ibsamu kaayyoo odeeffannoo fayyadamtootaa icciita’aa sobaan argachuuf gocha qunnamtii ykn marsariitii qunnamtii ykn marsariitii caalaatti amanamaa ykn maqaa gaarii qabu fakkaachuuf qophaa’e uumuu.
    • Social Engineering (Sooshaal Injiineriingii), kan akka yaalii irra deddeebiin ykn itti fufinsaan deebii gaaffilee akkaawontii waliigalaa ykn jecha darbii deebisuu sassaabuu ykn argachuuf godhamu.
    • Malweerii, Gireeyweewii, Ispaayweerii ykn koodii miidhaa qabeessa biraa, akka armaan gaditti ibsametti.
Yaalii koodii hamaa ykn miidhaa geessisu qooduuf, guddisuuf, keessummeessuuf ykn raabsuuf godhamu, kanneen keessaa:
  • Fayyadamtoonni faayiloota, appii, ykn sagantaalee nageenya onlaayinii ykn daataa fayyadamaa tokkoo balaadhaaf saaxilan akka buufatan ykn hojjetan jajjabeessuu ykn gowwoomsuu, kanneen keessaa, garuu kanneen kanaan hin daangeffamne:
    • Malweerii, kan jedhu koodii ykn sooftiweerii sirnoota miidhuuf ykn hayyama malee argachuuf qophaa’e jedhamee ibsama. Kunis sagantaalee sirna kompiitaraa miidhuuf qophaa’an, akkasumas sooftiweerii miidhamtoota irraa maallaqa baasuuf qophaa’an kan akka ransomweerii dabalata.
    • Ispaayweerii, kan jedhu koodii ykn sooftiweerii fayyadamtoota irratti daataa walitti qabuu fi hayyama fayyadamaa beekumsa qabu malee qaama sadaffaaf ergu, ykn daataa sana kaayyoo seeraan alaatiif fayyadamu (fkn, doorsisa ragaa saalqunnamtiin maallaqa gaafachuu, maallaqa doorsisaan argachuuf yaaluu, sirna seeraan alaa argachuu) jedhamee ibsama.
    • Greyware (Gireeyweerii), koodii ykn sooftiweerii fayyadama haardwaarii ykn sooftiweerii irraa hir’isuu fi sirna kompiitaraa ykn neetworkii irraa baasuun rakkisaa ta’uu danda’u jedhamee ibsama.
  • Eksteenshinii biraawzarii fi aplikeeshiniiwwan mobaayilaa dabalatee sooftiweerii hamaa waltajjii irratti ykn ala uumuu, qooduun ykn keessummeessuun, waltajjii fayyadamtoota ykn oomishaalee fi tajaajiloota keenya balaadhaaf saaxilan.
  • Doorsisuu, hatuutti bobba’uu, ykn dandeessiuu - Softiweerota, koorsii, oomishaalee namoonni sirna nageenyaa akka bira darban dandeessisan qooduu ykn beeksisuu, sooftiweerii kan sooftiweerii ykn waraqaa ragaa butuu jajjabeessu dabalatee
  • Bu’uuraalee misoomaa onlaayinii dhiyeessuu, kunis kan dabalatu tajaajiloota keessummeessa marsariitii, kaadimoota sirna maqaa mandhee fi cimdaawwan beeksisaa kan geessituuwwan seeraan alaa banan, fakkeenyaaf geessituuwwan sunniin baay’een isaanii tajaajiloota keenya irratti kutaalee ispaamii ykn nageenya saayiberii kan Duudhaalee Hawaasaa cabsu.
Muuxannoowwan fayyadamaa
Fakkeenyota tokko tokko ilaali raawwachiisni namootaaf Facebook irratti maal akka fakkaatu, kanneen akka: waan Facebook irratti ta’uu qaba jettee hin yaadne gabaasuu, Duudhaalee Hawaasaa keenya akka cabsite sitti himamuu fi iskiriinii akeekkachiisaa qabiyyee murtaa’e irratti arguu.
Hubadhaa: Nut yeroo mara fooyya'aa jirra, kanaafuu waanti asitti agartu waan fayyadamu waliin yeroo madaalamu xiqqo kan yeroon irra darbe ta'uu danda'a.
MUUXANNOO FAYYADAMAA
Gabaasuu
MUUXANNOO FAYYADAMAA
Quunnamtii gabaasaan boodaa
MUUXANNOO FAYYADAMAA
Muuxannoo buusaa
MUUXANNOO FAYYADAMAA
Iskiriinii akeekkachiisaa
Raawwachiisa
Namoota Facebook irraa hundumaaf, akka addunyaatti imaammatoota walfakkaatoo qabna.
Gareewwan keeddeebii
Gareen hundataa keenyi kan keeddeebitoota 15,000 ol qabu nageenya namoota Facebook irraa eeguuf guyyaa hunda hojjeta.
Hirmaannaa qooda fudhattootaa
Ogeessotni alaa, hayyootni, Dhaabbileen Miti Mootummaa fi imaammata baastuun Sadarkaalee Hawaasaa Facebook beeksisuuf gargaaru.
Nageenya Saayiberii irratti gargaarsa argadhu
Facebook irratti waanta faallaa Duudhaalee Hawaasaa keenya deemu tokko yoo agarte maal gochuu akka dandeessu bari.
Giddugala Gargaarsaa keenya daawwadhaa