Qisaasa Saalqunnamtii, Miidhaa, fi Qullummaa Daa’immanii

Ibsawwan bal'aa Imaammataa

DILBA JIJJIIRI
Sababa Imaammataa
Qabiyyee ykn gochaa daa’imman saalqunnamtiin qisaasu yookiin miidhu hin hayyamnu. Yeroo miidhama daa’immanii ifaa ta’etti dhufnu, gara Gidugala Biyyaaleessa Kan Daa’imman badan fi Miidhamaniitti(NCMEC)tti, seeraaf bifa bitameen gabaasna. Yeroo muraasa namootni fakkii qullaa daa’imman isaanii yaada gaariif akka qoodan ni beekna, ta’ullee, sababa miidhaa jabaa namoota birootiinii fi carraa namootni biroon irra deebiin fakkicha fayyadamu yookiin fakkiilee jal’isuu dhorkuu akka gargaaruuf walumaagalatti fakkiilee kana ni haqna.
Imaammatawwan fi dirqisiisa naannoo dhimmoota nageenya karaarraa keenya, keessumattuu daa’immaniin wal qabatee, irratti mari’achuu fi fooyyessuuf akkasuma ogeessota alarraa waliin ni hojjenna Boordii Gorsaa Nageenya Meta, dabalatee. Waa’ee qisaasa daa’imaa irratti duuluuf teknoloojii nuti fayyadamaa jirru dabalataan baraa.
Hin dirbaasiinaa:
Qisaasa saalquunnamtii daa’imaa
Qabiyyee, sochii, ykn walitti dhufeenya saamicha saalqunnamtii kan ijoollee irratti kan doorsisu, agarsiisu, galateeffatu, deeggaru, qajeelchota kennuufi, ibsoota kaayyoo godhu, keessatti hirmaanna fudhatu, yookan geessituu qoodu (ijoollee qabatamoo, oldeemtuu ykn daa’imman ykn fakkii qabatamaa hin taane kan nama fakkaatu, kan akka aartii, qabiyyee Hubannoo Namtolcheen uumame, taatoo asoosamaa, ashangulliitii, kkf dabalatee). Kun kanneen biroo waliin kan hammatu:
  • Walquunnamtii saalaa
    • Saal-quunnamtii ifa ta’e yookaan saal-qunnamtii karaa afaanii, kan akka kanatti hiikame, afaan yookan qaama walhormaataa osoo itti galuu yookan qaama walhormaataa yookan munnee nama biraa waliin waltuquu, yoo xiqqaate qaamni walhormaataa ykn munneen nama tokkoo mul’ata yoo ta’e.
    • Saal-quunnamtii kan agarsiisu yookan saal-qunnamtii karaa afaanii, yeroo qunnamtiin walitti dhiyaatu yookaan kallattiin kan hin mul’anne dabalatee.
    • Qaama walhormaataa yookaan munnee si’eessuu, yeroo qunnamtiin walitti dhiyaatu yookan kallattiin kan hin mul’anne dabalatee.
    • Kanneen armaan olii kamuu kan bineensa hammatu.
  • Ijoollee qaamolee saalqunnamtii waliin, kanneen gadii qofa osoo hin taane dabalatee:
    • Waan ittiin nama hidhan
    • Mallattoo miira saalquunnamtii keessa galuu
    • Xiyyeeffannoo qaama walhormaataa ykn munnee irratti.
    • Jiraachuu ga’eessa qaamni walhormaataa isaa ka’e
    • Meeshaan taphaa saalquunnamtii jiraachuu ykn meeshaa kamiyyuu saalqunnamtii kakaasuuf, gammachiisuuf, ykn miidhaa saalqunnamtiif itti fayyadamuu.
    • Uffannaa saalqunnamtiif tolfame.
    • Qullaa buusuu
    • Naannoo waltajjiitti bahe (fakkeenyaaf, sirree irra) yookan ogummaan suura fudhatamae (qulqullina/xiffeeffannoo/kofa)
    • Afaan bananii dhungachuu
    • Harma namaa kakaasuu ykn harma dubartii micciiruun (haala harma hoosisuutiin ALATTI) .
    • Jiraachuu irraa hafaa gocha saalqunnamtii
  • Qabiyyee ijoollee haala fetishi saalqunnamtii keessatti hirmaachisu
  • Qabiyyeen hirmaannaa daa’imman gudeeddii deeggaru, guddisu, leellisu ykn jajjabeessu yoo haala fayyaa keessatti giddu galeessa ta’ee irratti mari’atame malee
  • Qabiyyee kan maqaan yookan fakkiin miidhamaa qisaasa saalqunnamtii kan ijoollee irrattii adda baasu yookan arrabsu
Gaaffii
Qabiyyee kan qabiyyee saalquunnamtii ykn gocha daa’imman agarsiisu ykn hirmaachisu gaafatu, akka armaan gadiitti ibsama:
  • Meeshaa Miidhaa Saalquunamtii Daa’imaa (CSAM)
  • Fakkii qullaa ijoollee qabatamoo ykn qabatamoo hin taane
  • Fakkii qullaa ijoollee qabatamoo ykn qabatamoo hin taane kan saalquunnamtiif oole
Daa'imman waliin walitti dhufeenya qajeelaa hin taane
Qabiyyee kan daa'imman waliin walitti dhufeenya qajeelaa hin taane qabu yookan mijeessu, kan akka:
  • Hariiroo saal-quunnamtii daa’imman waliinii gaafachuu, qindeessuu ykn karoorsuu
  • Daa’imman sochii saalqunnamtii irratti akka bobba’an sossobuu karaa haasawa saalqunnamtii ykn dhiyeessuu, agarsiisuu, argachuu ykn daa’immaniif ykn irraa meeshaalee saalqunnamtii gaafachuu, karaa kaayyoodhaan saaxiluu ykn ergaa dhuunfaatiin
  • Daa’imota waliin karaa naannawaatiin haasaa saal-quunnamtii mateenyaan haasawuu
  • Karaa ergaa mateenyaatiin daa’imoota irraa meeshaa saal-quunnamtii fudhachuu yookaan gaafachuu
Fakkiiwwan walitti dhiyeenyaa fayyadamuu fi saamicha saalqunnamtii
Qabiyyee daa’immanqabatamoo waan gadiitiin qisaasuuf carraaqu:
  • Maallaqa dirqisiisuu, faavorii ykn fakkii walitti dhiyeenyaa doorsisa waliin fakkii ykn odeeffannoo walitti dhiyeenyaa dhugaa ykn dhugaa hin taane saaxiluu
  • Haasaa saalqunnamtii dhuunfaa ykn fakkiiwwan walitti dhiyeenyaa dhugaa ykn dhugaa hin taane qooduu, doorsisuu ykn qooduuf yaada qabaachuu
Daa’imman saalqunnamtiif olchuu
  • Qabiyyee (suuraawwan, suur-sagaleewwan, faaya qabatamaa, qabiyyee dijitaalaa, fi agarsiisa afaaniin dabalatee) kan daa’imman qabatamoo ykn qabatamoo hin taane haala saalqunnamtiif dhiyeessu
  • Gareewwan, Fuulota fi Ibsituuwwan daa’imman qabatamoo ykn qabatamoo hin taane saalqunnamtiif oolchuuf hojjetame
Qullummaa daa’imaa
Qabiyyee kan qullummaa daa’imaa qabatamaa ykn qabatamaa hin taane agarsiisu yeroo qullummaan akka kanatti ibsamu:
  • Fakkii dhiyoo qaama saalaa ijoollee qabatamoo ykn qabatamoo hin taane
  • Qullaa mucoolii qabatamoo ykn qabatamoo hin taane, kan kanneen gadii agarsiisu:
    • Qaama walhormaataa mul’atu, yeroo uffata haphiin haguugame yookan dimimmisaa’e ta’eeyyuu
    • Munnee mul’atu fi/yookan hudduu guutummaatti itti siqaan qullaa ta’e
  • Qullaa ijoollee qabatamoo ykn qabatamoo hin taane, kan kanneen gadii agarsiisu:
    • Qaama walhormaataa mul’atu (qaama walhormaataa rifeensa uummataan yookan uffata haphiin qofa dimimmisaa’e dabalatee)
    • Munnee mul’atu fi/yookan hudduu guutummaatti itti siqaan qullaa ta’e
    • Fiixee harma dubartootaa hin haguugamne
    • Mormaa kaase hanga jilbaatti uffatni homtuu hinjiru - utuuma qaamni walhormaataa yookan fiixeen harma dubartoota hin mul’atu ta’eeyyuu
  • Fakkiin dhugaa hin taane kaayyoo fayyaa yoo ta’e ykn aartii jecha dhugaa keessatti qullaa daa’immanii haala saalquunnamtiin alaatiin kan agarsiisu yoo ta’e malee
Miidhaaa daa’ima irrattii kan saalqunnamtii hin taane
Suursagalee ykn suuraa miidhaa daa’immanii saalqunnamtii hin taane dhugaa yookiin dhugaa hin taane agarsiisan akeeka qooduun osoo hin ilaalin, fakkiiwwan sun aartii addunyaa dhugaa, kaartuunii, fiilmii yookiin tapha suursagalee irraa yoo ta’e malee
Qabiyyee kan hirmaannaa miidhaaa daa’ima irrattii kan saalqunnamtii hin taane keessatti galateeffatu, deeggaru, beeksisu, dhugoomsuuf, qajeelchota kennuuf yookan jajjabeessu
Akkaawuntiiwwan imaammata Qisaasa Saalqunnamtii Daa’immanii, Miidhaa fi Qullaa (CSEAN) keenya cabsan haquu malees, gamaaggamtoonni keenya fi sirnoonni ofumaan hojjetan mallattoolee bal’aa ta’an ilaaluun walqunnamtii hin barbaadamne ykn nageenya hin qabne ta’uu danda’u ittisuuf gargaara.
  • Walqunnamtii akkaawontii biroo wajjiin godhan, qabiyyee seera cabsu (fkn. jaallachuu ykn olkaa’uu) barbaaduu ykn irratti sochii gochuu, ykn hawaasa (fkn. Garee) waan imaammata keenya cabseef haqne keessatti miseensa ta’uu irratti hundaa’uun ga’eessotaaf akkaawontii hojiin ala gochuu ykn oomishaalee fi taatoowwan akka hin arganne daangessuu (fkn. dandeettii akkaawontiiwwan tokko tokko hordofuu) dandeenya.
Qabiyyee armaan gadiitiif, namoonni qabiyyeen sun kan nama jeequu ta’uusaa fi ga’eessota namoota umurii kudha saddeetii fi sanaa ol ta’an qoftii akka ilaalan daangessuuf agarsiisa of-eeggannoo nii daballa.
  • Suur-sagaleen yookaan suuronni imaammata hojjeetoota biiroo yookaan taatee qaama loltuu gocha miidhaa saal-quunnamtii hin taane raawwatan
  • Suursagalee ykn suuraalee miidhaa saal-quunnamtii hin taanee, yeroo seera kabachiisuu, dhaabbatoota eegumsa daa’immanii yookaan gaaffii hirmaattota eegumsa amanamaa kan nuti daa’imman waltajjii nageenyuummaa isaaniitti deebisuuf qabiyyee gadhiisnu fa’a
Qabiyyee itti aanuuf, miirummaa argii (‘sensitivity screen’) itti daballa kanaafuu namootni akka qabiyyeen sun xiqqo nama aarsu hubannoo qabu:
  • Suur-sagaleewwan yookaan suurota seerota waaqeffannaa amantaa keessatti daa’imoota bishaan keessa cuuphuu
Duudhaalee Hawaasaa ittaananiif, raawwachiisuuf, odeeffannoo fi/ykn halqara dabalataa barbaanna:
Qabiyyee itti aanuuf, asxaa akeekkachiisa itti daballa kanaafu namootni akka qabiyyeen sun miira tuqaa ta’uu danda’u hubatu:
  • Fakkii ejensii oduun dirbaafame kan qullaa daa’imaa halqara beela, duguuggaa sanyii, yakka waraanaa, yookan yakka namooma irrattii agarsiisuu, amma goodayyaa jeeqaan hin gaggeeffamnetti yookan halqara jeequmsa keessatti hin qoodamnetti, yeroo kana qabiyyeen ni haqama
Yeroo hirmaattota miidiyaa haaraatiin, NGO’ootaa yookaan hirmaattota nageenyaa amanamoo biroodhaan gabaafamu akkasuma fayyadamummaa ddaa’immaani kan miidhaa saal-quunnamtiin alaa haquu dandeenya.
Qabiyyee miidhamtoota saalqunnamtii daa’immanii jedhaman adda baasu karaa maqaa ykn fakkiitiin alatti karaa biraatiin haquu dandeenya, qabiyyeen odeeffannoo nama dhuunfaa sana adda baasuuf geessuu malu kan hammate yoo ta’e.
Qabiyyee kaayyoo daa’ima dhuunfaa adda baasuuf uumame yoo nageenya daa’ima irratti balaan yoo jiraate, yeroo Qaama Seera Kabachiisuu, Mootummaan, Michuu Amanamaadhaan gaafatame, ykn qabiyyeen sun daa’ima ykn warra/eegduu seerawaa daa’imaa ta’een ofumaan kan gabaafame yoo ta’e haquu dandeenya
Muuxannoowwan fayyadamaa
Fakkeenyota tokko tokko ilaali raawwachiisni namootaaf Facebook irratti maal akka fakkaatu, kanneen akka: waan Facebook irratti ta’uu qaba jettee hin yaadne gabaasuu, Duudhaalee Hawaasaa keenya akka cabsite sitti himamuu fi iskiriinii akeekkachiisaa qabiyyee murtaa’e irratti arguu.
Hubadhaa: Nut yeroo mara fooyya'aa jirra, kanaafuu waanti asitti agartu waan fayyadamu waliin yeroo madaalamu xiqqo kan yeroon irra darbe ta'uu danda'a.
MUUXANNOO FAYYADAMAA
Gabaasuu
MUUXANNOO FAYYADAMAA
Quunnamtii gabaasaan boodaa
MUUXANNOO FAYYADAMAA
Muuxannoo buusaa
MUUXANNOO FAYYADAMAA
Iskiriinii akeekkachiisaa
Daataa
Gabaasa Raawwatinsa Duudhaalee Hawaasaa kan si’anaa ilaali
Raawwachiisa
Namoota Facebook irraa hundumaaf, akka addunyaatti imaammatoota walfakkaatoo qabna.
Gareewwan keeddeebii
Gareen hundataa keenyi kan keeddeebitoota 15,000 ol qabu nageenya namoota Facebook irraa eeguuf guyyaa hunda hojjeta.
Hirmaannaa qooda fudhattootaa
Ogeessotni alaa, hayyootni, Dhaabbileen Miti Mootummaa fi imaammata baastuun Sadarkaalee Hawaasaa Facebook beeksisuuf gargaaru.
Qisaasa saalquunnamtii daa'imaa, miidhaa fi qullummaa irratti gargaarsa argadhu
Facebook irratti waanta faallaa Duudhaalee Hawaasaa keenya deemu tokko yoo agarte maal gochuu akka dandeessu bari.
Giddugala Gargaarsaa keenya daawwadhaa