Doorsisa fi Cunqursaa

Ibsawwan bal'aa Imaammataa

DILBA JIJJIIRI
Sababa Imaammataa
Doorsisni fi cunqursaan bakka baay’eetti ta’a akkasuma bifa adda addaa baay’een dhufa, odeeffannoo dhuunfaa adda bahu gadhiisuuf doorsisa gochuu irraa, amma ergaawwan doorsisaa erguu fi qunnamtii hamaa kan hin barbaachisne gochuu. Amala akka kanaaf hin obsinu sababni isaas sun namootni Facebook, Instagram, fi Threads irratti miira nageenya fi kabajaa akka hin qabaanne dhorka.
Namoota beekamoo fi namoota dhuunfaa gidduutti adda ni baasna sababni isaas marii hayyamuu barbaadna, kan yeeroo baay’ee qeeqaa barbaachisaa namoota oduu keessatti ka’an yookan warra uummata dhaggeeffataa baay’ee qaban dabalata. Namoota beekamoof, miidhaa ulfaataa ta’e ni haqna akkasuma miidhaa murtaa’oo bakka namni beekamaan kallattiin dirbaasa yookan yaada keessatti iyyaafatame. Namoota beekamoo akka qondaala sadarkaa naannoo yookaan biyyaatti, biiroo sanaaf kaadhimamaa siyaasaa, namoota miidiyaa hawaasaa irratti jaalattoota yookaan hordoftoota miliyoona tokkoo ol qabanii fi namoota haguuggii oduu barbaachisoo fudhatan jennee ibsina.
Namoota dhuunfaaf, eegumsa nuti goonu daran jabaadha: Qabiyyee nama salphisu yookiin qaanessuuf ta’e ni haqna, fakkeenyaaf, jechaa waa’ee gocha saalquunnamtii nama tokkoo dabalatee. Doorsisni fi cunqursaan dhiibbaa miiraa baay’ee ijoollee irratti akka qabu ni beekna, kanaafidha kan imaammatni keenya haala fayyadamaa ilaalcha keessa osoo hin galchiin nama umuriin isaanii waggaa 18 gadi ta’e kamiifuu eegumsa jabaa kan dhiyeessu.
Dhimma halqara fi kaayyoo, fi namootni akka dirbaasani fi qoodan ni hayyamna yoo waan tokko roorrisa fi cinqursaa balaaleffachuuf yookan xiyyeeffannoo harkisuuf kan qoodame ta’uun isaa ifa yoo ta’e. Fakkeenya tokko tokko keessatti, of-gabaasuu barbaadna sababni isaas namni irratti xiyyeeffatame akka itti roorrisameetti yookan cinqursaametti akka itti dhaga’ame akka hubannu nu gargaara. Amala fi qabiyyee akka sana gabaasuu dabalatee, namootnimeeshaalee hujeeffannoo keenya irratti argaman akka fayyadaman jajjabeessina sana ittisuuf akka gargaarutti.
Akkasuma Wiirtuu Ittisa Roorrisaa , qabna sunis dhimmoota roorrisa fi walitti bu’insa biroo irratti ijoollee waggaa kudha sadii hanga kudha sagal gidduu, maatii, fi hayyuu barnootaa deeggarsa barbaadaniif madda dha. Qajeelcha sadarkaa-sadarkaan dhiyeessa, odeeffannoo haasawa barbaachisaa waa’ee roorrisaa irratti akkamitti akka eegalamu dabalatee. Waa’ee namoota doorsisa fi cunqursaa irraa ittisuuf maal akka hojjechaa jiru asi bal’inaan bari.
Yaadannoo: Imaammatni kun namoota dhuunfaa kanneen Imaammata Dhaabbilee fi Namoota Dhuunfaa Balaafamoo jalatti qaama dhaabbilee ramadamaii ta’an ykn namoota dhuunfaa bara 1900 dura boqotan irratti raawwatinsa hin qabu.
Sadarkaa 1: Eegumsa waliigalaa nama hundaaf:
  • Namni hundi kan irraa eegamu:
    • Quunnamtii hin barbaachisne kan:
      • Irra deddeebi’ame, YKN
      • Saalaan cunqursuu, YKN
      • Gaaffii duraa kamiinuu ala namoota dhuunfaa baay’ee irratti aggaamu.
    • Waamicha of miidhuu ykn of ajjeesuu nama murtaa’e, ykn garee namoota dhuunfaa.
    • Muuxannoo miidhaa saalaa, fayyadama saalaa, miidhaa saalaa ykn miidhaa mana keessaa irratti hundaa’uun haleellaa raawwatamu.
    • Ibsa sochii saalqunnamtii irratti bobba’uuf yaada kennuu ykn sochii saalqunnamtii irratti bobba’uuf leellisuu.
    • Yaada saalqunnamtii ulfaataa.
    • Footoshooppii ykn fakkiiwwan saalqunnamtii nama salphisan
    • Haleellaa jechoota nama salphisan kanneen sochii saalqunnamtii wajjin walqabatan ta’u (fakkeenyaaf: ejjituu, sagaagaltuu).
    • Gochi sukkaneessaa gaddisiisaan akka hin raawwanneetti himuu.
    • Namoonni dhuunfaa balaa sukkaneessaa ykn haleellaa shororkeessummaatiin miidhamaa ta’uu isaanii sobaa jedhu, kanneen akka:
      • Taatee murtaa’e tokkoof miidhamaa ta’ee socho’uu ykn fakkeessuu, ykn
      • Namoota waa’ee gahee isaan saganticha keessatti qaban dogoggorsuuf kaffaltii fudhachuu ykn qacaramuu.
  • Lakkoofsa bilbilaa, teessoo jireenyaa, teessoo imeelii ykn galmeewwan wal’aansaa nama dhuunfaa icciita’oo a’an gadhiisuuf doorsisuu (Imaammata Cabsaawwan Mateenyaa keessatti akka ibsametti).
  • Doorsisaaf fi/ykn cunqursaaf waamicha gochuu, ykn ibsa yaada hirmaachuu.
  • Qabiyyee namoota dhuunfaa adeemsa laguu arguu, fincaa’uu, balaqqamuu, ykn bobba’uu keessatti ykn sana booda mul’atan salphisuu ykn jibba ibsuu.
  • Namni kamiyyuu kanneen armaan gadii irraa ni eegama, garuu namoota ga’eessota uummataa ta’aniif, kaayyoodhaan saaxilamuu qabu:
    • Waamicha du’aa fi ibsa dhibee fayyaan miidhamuutiin walqabatan.
    • Du’a ykn haala fayyaa irratti gammaduu ykn qoosuu.
    • Himannaa waa'ee dhukkuboota saalqunnamtiin daddarbani.
    • Ibsa gadi aantummaa waa’ee bifa qaamaa.
Sadarkaa 2: Eegumsa dabalataa Daa’imman umuriin isaanii ga’eessaan gadiif, Ga’eessota Dhuunfaa fi Namoota Uummataa biratti beekamoo Daangaa Murtaa’aa Qaban hundaaf (fakkeenyaaf, namoota dhuunfaa beekkamtiin isaanii inni jalqabaa aktiivismii isaanii, gaazexeessummaa isaanii qofaan daangeffame, ykn kanneen karaa fedhii malee beekamoo ta’an):
  • Eegumsa waliigalaa nama hundaaf kennamu malees, daa’imman umuriin isaanii hin geenye hundi (namoota dhuunfaa fi namoota uummata biratti beekamoo), ga’eessota dhuunfaa fi namoonni beekamoo bal’ina daangeffame qaban kan irraa eegaman:
    • Himata waa’ee sochii saalqunnamtii, haala himannaa yakkaa ga’eessota irratti dhiyaatu (walqunnamtii saalaa waliigaltee malee tuquu) irraa kan hafe.
    • Qabiyyee nama guddaa biraa saalqunnamtiif oolchu (saalqunnamtii daa’imman umuriin isaanii hin geenye Imaammata Fayyadama Saalqunnamtii, Miidhaa fi Qullaa Daa’immanii keessatti haguugameera).
  • Daa’imman (namoota dhuunfaa fi warra beekamoo ta’an, ga’eessonni dhuunfaa fi namoonni beekamoo daangaa murtaa’aa qaban) hundi kan ittaanan irraa ni eegamu, garuu daa’imman uummata biratti beekamaniif, kan isaan kaayyoodhaan itti saaxilamuu qaban:
    • Waan nama hin taaneen walmadaalchisuu (bifa barreeffamaan ykn mul’ataatiin) gara ykn waa’ee:
      • Bineensota fi ilbiisota, uumamtoota nama jala jiran dabalatee, kan aadaan akka gadi aanaatti fudhataman.
      • Baakteeriyaa, vaayirasii, maayikiroobii fi dhukkuboota.
      • Kosii, xurii, bobbaa dabalatee wantoota lubbuu hin qabne.
  • Qabiyyee amala qaamaa adda ta’e (hidhii, gurraa fi kkf) ibsuuf, itti marsuuf, ykn irratti xiyyeeffannaa harkisa calaqqisiisuuf haala hamaadhaan itti fayyadamame.
  • Qabiyyee bifa qaamaa ykn amala qaamaa irratti hundaa’uun sadarkaa isaanii kaa’u.
  • Qabiyyee nama dhuunfaa osoo qaamaan itti ga’isamuu argame daran gad-buusan (yoo qabiyyee ispoortii lolaa irraa kan hafe).
Sadarkaa 3: Daa’immaan Dhuunfaa, Ga’eessota dhuunfaa, fi Daa’imman Fedhii Malee Beekamaniif eegumsa dabalataa:
  • Eegumsa armaan olitti tarreeffaman hundaan alatti, daa’imman dhuunfaa umuriin isaanii hin geenye, ga’eessonni dhuunfaa (kanneen ofumaan gabaasuu qaban), fi namoonni umuriin isaanii hin geenye kanneen fedhii malee beekaman hundi kanneen armaan gadii irraa eegumsa argatu:
    • Abaarsa xiyyeeffatan.
    • Gaaffilee waa’ee hirmaannaa jaalalaa, qabachiisa saalaa yookiin eenyummaa koorniyaa.
    • Waamicha tarkaanfii, ibsa yaada, ibsa hawwii ykn haal-duree, ykn ibsa nama adda foo’uu leellisu ykn deeggaru.
    • Gaaffilee amala yookiin dandeettii Qaallaa, ga’eessota irratti halqara himannaa yakkamaa alatti.
    • Ibsa tuffii, jibba, ykn qabiyyee jiraachuu nama dhuunfaa didu, haala himannaa yakkaa ga’eessota irratti dhiyaatu irraa kan hafe.
  • Yeroo ofumaan gabaasan, daa’imman dhuunfaa umuriin isaanii hin geenye, ga’eessonni dhuunfaa, fi daa’imman fedhii malee beekaman kanneen armaan gadii irraa eegumsa argatu:
    • Olaantummaa sagalee nama jalqabaa.
    • Fakkiilee hin barbaachifne kan miidhaman.
    • Bifa qaamaa irratti hundaa’un uummata biraa, nama asoosama irraa yookiin namoota dhuunfaan walmadaalchisuu.
    • Gaaffilee waa’ee eenyummaa amanta’aa yookiin jibba amantaa
    • Bineensota yookiin ilbiisota aadaatiin akka saammuun yookiin qaamaan gadaanaa hin taane fudhataman waliin waldorgomsiisuu (“qeerransa,” “leenca”).
    • Ibsoota qaamaa bilisa yookiin positiivii.
    • Gaaffilee amala yookiin dandeettii faallaa hin taane.
    • Miidhaa karaa jechoota salphisoo hanqina sochii saalqunnamtiin walqabatan.
Sadarkaa 4: Eegumsaa dabalataa Daa’imman Dhuunfaa qofaaf:
  • Daa’imman imaammata keenya jalatti eegumsa hunda caalu argatu. Eegumsa armaan olitti tarreeffaman hundaan alatti, daa’imman dhuunfaa kan ittaan irraas eegumsa argatu:
    • Himannaa waa’ee yakkamaa yookiin amala seermaleessaa.
    • Suursagaleewwan doorsisa daa’imman irratti ta’u, haala kamuu keessatti qoodame.
    • Jechoota salphisoo abaarsa saala dubartootaatiin walqabatan.
Cunqursaa fi doorsisaa karaa fuulootaa, gareewwanii, taateewwanii fi ergaa
  • Eegumsi sadarkaa 1 hanga 4 fuula, garee, taateewwanii fi ergaawwan irrattis hojiirra oola.
Duudhaalee Hawaasaa ittaananiif, raawwachiisuuf, odeeffannoo fi/ykn halqara dabalataa barbaanna:
Hin godhinaa:
  • Qabiyyee namoota dhuunfaa irratti xiyyeeffatan karaa Fuulota, Gareewwan fi Taateewwan hin barbaachifnee dirbaasuu. Qabiyyeen kun namni irratti aggaamameen yookiin bakka bu’aa xiyyeeffatamaa seera qabeessan yeroo gabaafamu ni haqna.
  • Qabiyyee maxxansaa armaan olitti ibsame kan osoo akkas ta'ee galmi qabiyyee akka gabaasu gaafatu ykn bakka qabiyyeen an poostarri kallattiin galma irratti xiyyeeffachuu isaa agarsiisu (fakkeenyaaf: galmi maxxansa ykn yaada keessatti mallatteeffameera). Qabiyyee kana kan haqnu yoo qabiyyeen sun akka hin barbaachifne mirkaneessaa nama irratti aggaamane irraa ykn bakka bu'aa hayyamame kan target (jiraataa ykn du'e) qabaannedha.
  • Qabiyyee amaloota immaammatawwan keenya jalatti akka itti-ga’isa fi cinqursaatti ilaalaman irratti waamichaa yookiin kaayyoo hirmaannaa ibsu dirbaasuu Yeroo xiyyeeffatamaan yookiin bakka bu’aa seera qabeessa nama irratti aggaamame irraa qabiyyeen kun kan hin barbaachifne ta’uusa mirkaneeffanne qabiyyee kana ni haqna.
  • Nama hawaasaan beekamaa ta’e qabiyyee haala saal-quunnamtii agarsiisuun dirbaasuu. Yeroo xiyyeeffatamaan yookiin bakka bu’aa seera qabeessa nama irratti aggaamame irraa qabiyyeen kun kan hin barbaachifne ta’uusa mirkaneeffanne qabiyyee kana ni haqna.
  • Tuttuqqii nama tuqamu irratti saalqunnamtiin miidhaa geessisu. Qabiyyee haala hin barbaadamne keessatti qoodame kamiyyuu yeroo mirkaneessa fudhataa irraa, ykn bakka bu’aa hayyamame fudhataa irraa quunnamtiin akka hin barbaachifne argannu ni haqna.
  • Yeroo armaan gadiitti gochaa haal-malee saal-quunnamtii jilmaa haqaa:
    • Fuulleffachuu, Karaa fuula kamiitiinuu keessaan, ‘dhuunfaatti karaa sararaa alaatiin rakkoo dheereffame’, akkatti ibsama:
      • Falmattoota mirga namoomaa
      • Daa’imman
      • Taateewwan yakkoota jeequmsaa/gaddaawwanii
      • Biyyoota yeroo filannootti mormitoonni balaa irra bu’an
      • Aanga’oota filannoo
      • Mormitoota mootummaa mormuu isaaniitiin rakkoon isaan gahe
      • Naannoo waliiti bu’insaatti lammii fi amantaa hagoo
      • Miseensa gareee rakkoo keessa jiraachuun beekamee fi moggaafame
    • Karaa mul’ina namoomaa kan akka ibsituutiin yookaan haasaa karaa keessaatiin nama dhuunfaa irratti xiyyeeffatan:
      • Qabiyyee imaammata nama dhuunfaaa irratti doorsisaa fi miidhaa geessisuu yookaan,
      • Amaloota eegaman irratti qabiyyee mormii irratti hundeeffame
  • Akka qaama isa tokkootti akkaawontiiwwan dhaamsamanii miidhaa baay’ee keessatti hirmaatan
    • Cimdawwan mootummaa yookaan deeggartoota mootummaa Karaa fuula kamiitiinuu dhuunfaa irratti xiyyeeffatam.
    • Cimdawwan mormitootaa Karaa fuula kamiitiinuu dhuunfaa irratti xiyyeeffatan:
      • Qabiyyee imaammata nama dhuunfaaa irratti doorsisaa fi miidhaa geessisuu yookaan,
      • Amaloota eegaman irratti qabiyyee mormii irratti hundeeffame, yookaan,
      • Qabiyyee yookaan amala gama birootiin bartee hawaasa keessaaa kan mormudha jedhamee beekamu
Muuxannoowwan fayyadamaa
Fakkeenyota tokko tokko ilaali raawwachiisni namootaaf Facebook irratti maal akka fakkaatu, kanneen akka: waan Facebook irratti ta’uu qaba jettee hin yaadne gabaasuu, Duudhaalee Hawaasaa keenya akka cabsite sitti himamuu fi iskiriinii akeekkachiisaa qabiyyee murtaa’e irratti arguu.
Hubadhaa: Nut yeroo mara fooyya'aa jirra, kanaafuu waanti asitti agartu waan fayyadamu waliin yeroo madaalamu xiqqo kan yeroon irra darbe ta'uu danda'a.
MUUXANNOO FAYYADAMAA
Gabaasuu
MUUXANNOO FAYYADAMAA
Quunnamtii gabaasaan boodaa
MUUXANNOO FAYYADAMAA
Muuxannoo buusaa
MUUXANNOO FAYYADAMAA
Iskiriinii akeekkachiisaa
Daataa
Gabaasa Raawwatinsa Duudhaalee Hawaasaa kan si’anaa ilaali
Raawwachiisa
Namoota Facebook irraa hundumaaf, akka addunyaatti imaammatoota walfakkaatoo qabna.
Gareewwan keeddeebii
Gareen hundataa keenyi kan keeddeebitoota 15,000 ol qabu nageenya namoota Facebook irraa eeguuf guyyaa hunda hojjeta.
Hirmaannaa qooda fudhattootaa
Ogeessotni alaa, hayyootni, Dhaabbileen Miti Mootummaa fi imaammata baastuun Sadarkaalee Hawaasaa Facebook beeksisuuf gargaaru.
Doorsisa fi cunqursaa irratti gargaarsa argadhu
Facebook irratti waanta faallaa Duudhaalee Hawaasaa keenya deemu tokko yoo agarte maal gochuu akka dandeessu bari.
Giddugala Gargaarsaa keenya daawwadhaa